Baakteeriyaa fi Vaayirasiiwwan
Baakteeriyaa fi vaayirasiin lamaanuu kulkula uumu, garuu antiibaayootiksiin baakteeriyaa qofa irratti hojjata.
Kulkulawwan vaayiraasii
- Utaaloo, qufaa, kiroopii, laanganisii, dhibee laphee, fi mada’uu qoonqoo.
- Yeroo baay’ee dhibee baakteeriyaa caalaa baay’ee hamoodha. Maatii keessaa namni tokkoo ol dhukkuba walfakkataa yoo qabaate, dhibee vaayirasii ta’uu mala.
- Akkuma dhibeewwan baakteeriyaa isin dhukkubsachiisuu danda’a.
- Fooyya’uuf yeroo baayyee guyyoota 4-5 fudhata, garuu guutummaan fayyuuf hanga torban sadii fudhata.
- Aantibaayotikootni dhukkuboota vaayirasin dhufaniif hin hojjetan
Dhukkuboota bakteeriyaan dhufan
- Dhukkuboota vaayirasin dhufan caalaatti baramaa miti.
- Akka dhibee vaayirasi salphaatti nama tokko irraa gara biraatti hin darbu.
- Fakkeenyonni beekamoon madaa’u qoonqoo fi michii sombaati.
- Antibaayootiikiin dhibee bakteeriyaaf ni hojjetu, garuu yeroo hundaa barbaachisoo miti
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/09/antibiotic-resistance.png)
Antibaayootikii Ittisuu
Dhibbaa aantibaayootikii daangeessuuf aantibaayootikii sirnaan fayyadama.
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/09/handwashing-icon.png)
Harka Dhiqachuu
Harka dhiqachuun dhukkuboota daddarboo ittisuuf fala isa hangafa.
Laydaa
Laydaan olka’uu tempireechara qaamaati, yeroo hedduu dhibamuu irraan kan dhufuudha. Gogaa diimaan, hoo’aa, fi gogaan mallattoo laydaa.
Hoo’insi qaama keessanii fi kan daa’ima keessan bakka itti safaramtan irraatti hunda’aa.
Laydaa
- Dhibee loluudhaaf qaama gargaara
- Kulkulawwan vaayirasii fi baakteeriyaa lamaaninuu uumamuu danda’a
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/09/Guide-wise-imgs-_0010_Fever.png)
To'annaa:
- Laydaan karaa ittin qaamni dhibee ittin ofirra loluuf qopha’uudha. Laydaan sababa bakteeriyaa fi vaayiraasii mudaachu danda’a.
- Laydaaf, mataa bowwuuf yookiin dhukkubbii qaamaaf
- Akkaa sinitti hin qorrinee fi hin dhaamochisneetti daa’ima keessaanii fi ofii keessaan uffatta salphaa uffadhaa, dhamoochii ho’insa guddaa fidu waan danda’uuf. Hoo’insa mana keessanii 20° C yookiin haalabarbaachisaan qabanneessa.
- Dhangala’aa qorraa baay’inaan dhugaa. Yommuu daa’imni keessaan hirriba dammaqu dhangala’aa qabbanna’aa yookiin poopisaayikilii kennaf.
Yoo namni umurii kam irrayyuu jiru laydamuun kan itti dhagahamu ta’ee fi bakka faffaca’iinsa dhibee shiftoo kan ture ta’e, gargaarsa sirrii maal gochuu akka qabdanii argachuuf qunnamsiistuu Health Link (Alberta keessatti 811 tti bilbila).
Utaalloo fi Dhangala’aa Funyaanii
Utaallon vaayirasiin nama qaba. Qufaan vaayirasoota gosa 200 oliin dhufuu ni danda’a. Ijoolleen waggaatti si’a 8-10 qufaan qabamuu ni danda’u. Ga’eessoonni humna maadinummaa vaayirasoota tokko tokko lolu qaamni isaanii waan ijaarrateef qufaadhaaf baay’ee hin saaxilamani. Aantiibaayootikiin vaayiraasii loluuf hin gargaaru.
Mallattoowwan:
- Sadarkaa jalqaabatti, dhukkubbii mataa, laydaa fi imimmaan ijaa, dhangala’aa funyaanii, mada’uu qoonqoo, axxifannaa fi qufaatu mul’ata.
- Jalqaba dhangala’aan funyaan keessa bahu qulqulluu ta’us adeemsa keessa gara keelloo yookiin magaariisaatti jijjirama.
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/09/Guide-wise-imgs-_0009_Colds-Runny-Nose.png)
Ittisa:
- Vaayiraasii dhibee qufaa fidu to’achuuf harka dhiqadhaa.
- Ijoollee keessan harka dhiqachuu barsiisaa.
To'annaa:
- Hoo’insa kam keessattu tasgabbii kan siniif kennu, bishaan baay’inaan dhugaa.
- Namni qufaan qabame itti tolaa hin jiru yoo ta’e aseetaaminoofiinii yookiin aayibupiroofiinii (akka ajajaatti) fayyadamuu qabdu.
- Dhibee qufaa yoo qabaattan yookiin nama qufaan qabame kan kunuunsitan yoo ta’e akka dhibichi nama biraatti akka hin darbineef harka keessan dhiqadhaa.
- Qorichi yeroo yookiin shirooppiin qufaa akka mallattootti gargaaruu danda’u garuu turtii uutaalloo gabaabsuu hin danda’an.
HUBADHAA: Oomishoota kanneen daa’imman fi ijoollee waggaa ja’a gad ta’aniif hin kenninaa. HUBADHAA: Qorichi yeroo yookiin shirooppiin qufaa qorichummaa hoo’insa hir’isu qabu. Agaarsiistuu sirnaan dubbisuun hamma qorichaa humna ol ta’e akka hin fudhannetti isa ogeessi fayyaa jedhanii wajjin wal biraa qabaa ilaalaa.
Dhiphina hir’isuuf keessattu daa’iman xixxinnaaf bishaan ashaboo (saalinii) funyaan isaaniitti cophsaa. Ashaboo-dhangala’aa kan bitame cophasaa yookiin biifaa yookiin ofii keessanii qopheessaa.
Copha ashaboo mana keessatti qophaa'anii
Walitti makaa.
- Bishaan Qulqullaa’e kubbaayyaa 1 (240 ml) (bishaan ujummoo kan fayyadamtan yoo ta’emmoo, qulqulleessuuf daqiiqaa tokkoof danfisuun achiimmoo hamma buhaawutti qabbaneessaa.)
- ½ fal’aan shaahii (2.5 g) ashaboo
- ½ fal’aan shaahii (2.5 g) daakuu soodaa
Bulbula qaruuraa qulqulluu ujummoo ittiin cobsitan qabu keessa kaa’aa yookiin qaruuraa keessa gochuun (kutaa qorichaatti kan argamu) kaa’aa. Tubboo lilmoo fayyadamuu dandeessu. Guyyaa 3 sadiin bulbula haaraa qopheessaa.
Fayyadamuuf:
- Gad taa’uun mataa keessan xinnoo gara dudduubaatti dabsaa qabaa. Gadi hin ciisinaa. Fiixee cophsituu, tubbuu lilmoo, yookiin qaruuraa cophaa uraa funyaanii tokko keessa galchaa. Cupha muraasa uraa funyaanii keessatti malaan cophsaa yookiin dhangalaasaa. Uraa funyaan isa biroof irra deebi’a. Cophicha erga fayyadamtaniin booda wayyaa/carqii qulqulluudhaan haxaa’aa.
Dikfafa
Dikfafni (yookiin infuuleenzaan) vaayiraasiidhaan dhufa. Guyyaa mallattichi irratti argamee qabee ga’eessotni guyyaa 3–5 tti dhukkubicha daddabarsuu jalqabu. Daa’imman dhibee qufaan qabaman hanga guyyaa 7tti namoota birootti dabarsuu dandaa’u.
Mallattoowwan:
- Laydaa/qabbaneessaa
- Mataa bowwuu
- Dhukkubbi maashaa yookiin qaama
- Miira dadhabbii
- Madaa’uu qoonqoo
- Funyaan furrii yookiin axxiffannaa.
- Qufaa
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/09/Guide-wise-imgs-_0008_Influenza.png)
Ittisa:
- Talaallii utaalloo/qufaa waggaan kennamu fudhadhaa.
- Harka keessan dhiqadhaa, keessattuu nama dhibamaa wajjin erga turtanii booddee. Akkaataa harka dhiqannaa ijoollee keessan barsiisaa.
- Yeroo qufaatan yookiin haxxiffattan huccuun funyaan keessan haguuggadhaa.
- Daa’imman keessaan akkaataa hargansuu sirnaan barsiisa.
To'annaa:
- Dhangala’aa akka bishaanii baay’inaan dhugaa.
- Boqonnaa ga’aa qabaadhaa yookiin daa’imni keessan boqonnaa ga’aa akka qabaatu taasisaa. Faffaca’insa dhukkubichaa dhorkuuf guyyoota dhukkubbii jalqaa muraasa mana turaa yookiin daa’ima keessan mana tursiisaa.
- Laydaadhaf, mataa bowwuuf, yookiin dhukkubbii qaamaaf aseetoominoofiinii yokiin aayibooproofiinii (akkaata ajajaan) fayyadamaa.
Dikfafni yero hedduu Sadaasa yookiin Mudde keessa jalqabuun Ebla yookiin Caamsaa keessa bada. Yeroo tokko tokko, qufaan gara michii sombaatti geessa.
Dhibee Saayineesii
Saayineesiin guutinsaa qilleensa naannoo funyaanii fi ijaatti mul’atudha. Dhibeen saayineesii kan mudatu yommuu dhangala’aan saayineesii keessa guutudha.
Dhibeen saayineesii yeroo baay’ee qorra irra dhufa haa ta’u malee qorrii gara dhibee baacteeriyaa saayineesitti hin geessu. Mallattoon dhibee saayineesii kan utaalloo irra cimaa fi yeroo dheera turuu dha.
HUBADHAA: Yoo mallattooleen madaa’uu qoonqoo fi/ykn utaalloo qabu ta’e, Qufaa fi/ykn Dikfafa (Influweenzaa) ilaalaa.
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/09/Guide-wise-imgs-_0007_Sinus-Infection.png)
Mallattoowwan:
- Dhukkubbii fuulaa yookiin dhibbaa dhiigaa, dhukkubbii mataa, dhukkubbii ilkaanii, miiraa dadhabbii, axxifachiisuu, laydaa.
- Dhangala’aan funyaan keessa dhangala’uu kan guyyaa 10 ol turu fi bifa keelloo fi magaariisaa qabu akkaa aantiibaayootiikiin isiniif barbaachisuu agarsiisa.
To'annaa:
- Laydaa fi dhukkubbii qaamaaf (akkaataa kuufama qajeelfamaatti) aseetaminoofeenii yookiin ibupiroofeenii fayyadamaa.
- Dhangala’aa funyaanii daa’immanii dhorkuuf ashaboo bishaanawaa itti cophsaa yookiin itti biifaa (qufaa/dhangala’aa funyaaniif fuula 9 ilaala); ga’eessotaaf bulbulli ashaboo filatamaadha.
- Qoorichi damdamachiisuu ukkaamama wayyeessu danda’a malee turtii dhukkubi gabaabsuu hin danda’u.
HUBADHAA: Oomishoota kanneen daa’imman fi ijoollee umurii ja’a gad ta’aniif hin kenninaa
HUDADHAA: Dawaan yeroof kennamu qorichummaa hoo’insa hir’isu qabu. Agaarsiistuu sirnaan dubbisuun hamma qorichaa humna ol ta’e akka hin fudhannetti isa ogeessi fayyaa jedhee wajjin wal biraa qabaa ilaalaa.
Baakkteeriyaa fi vaayiraasiin dhibee saayineesii kaasuu danda’u (vaayiraasiin si’a 200 caalaatti beekamadha).
Madaa'uu Qoonqoo
Madaa’uun qoonqoo yeroo hedduu qufaa waliin dhufa. Madaa’uun qoonqoo sababii vaayiraasii mudatu. Aantiibaayootiikiin madaa’uu qoonqoo vaayiraasii irraa madduu ittisuu hin danda’u.
Madaa’uun qoonqoo baakteeriyaa Istireepitookokes jedhamuun dhufu. Yoo madaa’uun qoonqoo dhangalaa’a funyaan, qufaa, ijji diimachuu, cufaamuu sagalee yookiin garaa kaasa wajjiin kan mul’atu yoo ta’e, kun sababa vaayiraasii ta’u mala.
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/09/Guide-wise-imgs-_0006_Sore-Throat.png)
Ogeessi fayyaa madaa’uu qoonqoo qofaa ilaaluun dhukkubbi qoonqoo jechuu hin danda’u.
- Madaa ‘uun qoonqoo qaama qufaa yoo ta’e, sababi ka’umsa isaa vaayiraasii ta’u mala kanaaf madaa’uun qoonqoo barbaachisaa miti.
- Mallattoon dhukkuba qufaa yoo isin irraatti hin mul’anne yoo ta’e, ogeessi fayyaa madaa’uun qoonqoo baakteeriyaa fi vaayiraasii irra madduu isaa adda baafachuuf qoonqoo soofuu ni danda’a. Bu’aan qorannoo sa’a 48 gidduutti ni ifooma.
- Bu’aan qorannoo negaativii yoo ta’e, aantiibaayootiikiin hojjechuu hin danda’u sababni isaa immoo madaa qoonqootif sababi vaayiraasii waan ta’eef.
- Bu’aan qorannoo poosaatiivii yoo ta’e, ogeessi fayyaa aantiibaayootiikii siniif kennuuf murteessu danda’a.
- Miseensoonni maatii biroon yoo dhukkubbiin itti dhagahaame male qoratamuun barbaachisa miti.
To'annaa:
- Dhangala’aa akka bishaanii baay’inaan dhugaa.
- Laydaa fi dhukkubbii qoonqoof (akkaataa kuufama qajeelfamaatti) aseetaminoofeenii yookiin ibupiroofeenii fayyadamaa.
- Daa’imman waggaa jahaa fi sanii olii akkasuma ga’eessotaaf, plain throat lozenges tarii mallattoo ni fooyyeessa.
HUBADHAA: Sababa rakkoo hudhuu irraa kan ka’e daa’imman xixxinnaan loozenjii fudhachuu hin qaban. - Daa’imman jajjaboo fi ga’eesotaaf ashaboon bishaanawaan ho’ifamee qoonqoodhaaf fayyumaa gaarii kenna. Ashaboo fal’aana ½ bishaan ho’aa kubbaayyaa 1 (250 ml) wajjiin waliin bulbulaa. Sekoondii 10 f lulluuqadhaa. Guyyaatti si’a 4–5 godhamuu danda’a.
- Miirri gaariin kan isinitti dhagahamu yoo ta’e isiniis daa’imni keessanis gara hojii idileetti deebi’uu dandeessu.
Dhukkubbii Gurraa
Ujummoon Estaachiyaan gidduu gurraa fi duuba qoonqoo wal quunnamsisa. Ujummoon kun daa’immaniif dhiphaa waan ta’eef, qufaadhaan cufamuu ni danda’a. Cufamuun kun immoo gara dhukkubbiitti geessuu danda’a.
Daa’immaan dhibee gurraa qaban keessaa dhibbantaan 70-80% ta’an antiibaayootikii malee fayyuu ni danda’u. Dhukkubbiin gurraa muraasni sababa vaayiraasii yoo ta’an muraasni immoo sababa baacteeriyaati. Ammaa amma deddeebiin ilaalamuun dhiyaannaa sirrii hakiimonni keessan isin gorsanidha.
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/09/Guide-wise-imgs-_0005_Ear-Ache.png)
Mallattoowwan:
- Laydaa
- Dhukkubbii gurraa
- Aaruu
Ittisa:
- Harka keessan irra deebiin dhiqadhaa akkasumas dhukkubbiin gurraa yeroo hedduu qufaa booddee waan mudatuuf waa’ee harka dhiqannaa daa’imman keessan barsiisaa.
- Daa’ima keessan nama timboo aarsu irraa fageessa.
- Daa’imni keessan rafaa utuu jiruu xuuxxoo dhugaatii itti hin kenninaa.
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/11/Screen-Shot-2022-11-06-at-8.23.41-AM.png)
To'annaa:
- Laydaa fi dhukkubbii qaamaaf (akkaataa kuufama qajeelfamaatti) aseetaminoofeenii yookiin ibupiroofeenii fayyadamaa.
- Uffatta ho’aa bakke gurra keessan irra kaa’aa.
- Antiihistaaminii fi qorichi damdamchiisu dhukkubbi gurraaf hin fayyadu.
- Haalota jiran ilaaluun ogeessi fayyaa daa’ima keessaniif aantiibaayootiksii ajajuu danda’a.
- Sababa sodaa of ittisa antiibaayotikiin dhufuu danda’uuf, dhukkubbii gurraa yeroo dheeraa tureef antiibaayotikii fayyadamuun hin eeyyamamu.
Qufaa
Qufaan ga’eesotaa fi daa’imman dhukkubbi vaayiraasii sirna hargaansuutiin dhufa(gabaatee kanaa gad ilaalaa). Yommuu dhukkubsataan sababa baacteeriyaa yookiin bu’aan qorannoo pertisiisii posaativii ta’u michii sombaan qabamu aantiibaayootiksiin qufaa qofaaf tajaajilu.
Mallattoowwan:
- Laydaa qufaa fi dhukkubbii laphee.
- Dhangalaa’a funyaani kan bifa keelloo yookiin magariisaa. Kana jechuun dhibee baakteeriyaa jechuu miti.
- Iyyi mudaachuu danda’a.
HUBADHAA: Sababa vaayiraasii biroonkaayiitii, namoonni 45% torbee 2 booddee, namoonnii 25% ta’an irratti immoo torbee 3 booddee qufaan ni mul’ata.
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/09/Guide-wise-imgs-_0004_Cough.png)
Dhukkubbii | Iddoo | Ramaddii Umurii | Sababa |
Laaringiitis | Dibbee sagalee | Foollee / Ga’eessota | Vaayirasii |
Kirooppii | Dibbee sagalee fi ujummoo qilleensaa | Daa’imman xixiqqoo | Vaayirasii |
Biroonkaayiitii1 | Ujummoo Hargaansuu (guddaa) | Ijoollee Gurguddoo / Ga’eessota | Vaayirasii |
Biroonkiyuulaaytis | Ujummoo Hargaansuu (xiqqaa) | Daa’imman | Vaayirasii |
Michii | Affuuffee Qilleensaa | Umurii hunda | Baakteeriyaa yookiin vaayirasii |
Qufaa cimaa | Funyaanii hanga sombaa | Umurii kamiyyuu | Baakteeriyaa |
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/11/Screen-Shot-2022-11-06-at-8.49.51-AM.png)
1 Dhukkubsattootni dhukkuba sombaa cimaa yeroo dheeraa yeroo tokko tokko wayita biroonkaayitiitti baakteeriyaan isaan qabuu ni danda’a.
To'annaa:
- Dhangala’aa akka bishaanii baay’inaan fayyadamaa.
- Qorichi damdamannaa qufaadhaaf kennamu daa’imman jajjaboo fi ga’eessota gargaaruu danda’a.
HUBADHAA: Daa’ima keessan rafee utuu jiruu akka xuuxuuf qaruuraa dhugaatii itti hin kennina.
HUBADHAA: Shirooppiin qufaa qorichummaa ho’ina hir’isuus ni qaba. Agaarsiistuu sirnaan dubbisuun hamma qorichaa humna ol ta’e akka hin fudhannetti isa ogeessi fayyaa jedhanii wajjin wal biraa qabaa ilaalaa. - Cophni qufaa yookiin loozenyii ijoollee jajjaboo fi namoota gurguddoo gargaaruu ni danda’a. Copha qufaa farra baakteeriyaa balleessaa, sababni isaas antiibaayotikii ittisuu waan danda’aniif.
HUBADHAA: Sababa fe’uu danda’uuf cophni qufaa daa’imman umuriin isaanii waggaa ja’a gadi ta’aniif kennamuu hin qabu. - Baakteriyaa dhukkuba sombaaf x-ray laphee kaasuun ni gorfama. Takkaa qorannichi taasifamnaan, antibaayotikiin sirriitti kennamuu ni danda’a.
Mallattoo cimaa kan ogeessa fayyaa gahumsa qabun ilaalalmu qaban
Mallatto xiyyeeffannoo ogeessa fayyaa yookiin gargaartu ogeessa fayya barbaadan.
Laydaa:
- Daa’imman waggaa 3 gadii ho’ina qaamaa yoo qabaatan hatattamaan ilaalamuu qabu.
- Daa’imni umurii kamuu laydaa yoo qabaatani fi nageenyi isaan gaarii miti yoo ta’e, hatattamaan ilaalamuu qabu.
- Daa’imni umurii kamuu laydaa guyyaa 3 oliif yoo irraatti mul’ate, sa’a 24 keessaatti hatattamaan ilaalamu qabu.
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/09/Guide-wise-imgs-_0003_Fever-Baby.png)
Dhukkubbi Gurraa
Daa’imni keessaan dhukkubbi gurraa yoo qabaate gara ogeessa fayyaa geessa:
- Ho’ina qaamaa olaana qabu; yookiin
- Fayyaa hin fakkaatan; yookiin
- Duuba gurraa irratti waan diimaa yookiin dhiitoo qabu; yookiin
- Gurri isaanii gara fuulduratti dhiibameera; yookiin
- Yoo aseetaminoofinii/ibupiroofinii hin fudhanne dhukkubbiin gurraa sa’a 24 haala ulfaatadhaan tura.
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/09/Guide-wise-imgs-_0005_Ear-Ache.png)
Ga’eessonni ho’insa qaama fi dhukkubbi biroo qaban yeroo hundumaa ogeessa fayyaa qunnamuu qabu yoo mallattoon dhukkubbi sun itti hammaata deeme.
Alberta keessatti, gorsaa fi deggarsa yoo barbaaddan Health Link (811) irratti bilbiluu dandeessu.
Gorsa sirrii rakkoolee dhukkubbii daa’immaniif, madda odeeffannoo banaa Stollery Children’s Hospital’n dhiyaate ahs.ca/heal irraa ilaalaa.
Mallattoowwan Fayyaa Hatattamaa
Yoo sinis ta’e namni biraaan isin kunuunsaa jirtan mallattoolee kana keessaa tokkoo kan qabaattan ta’e maaloo hordoffii fayyaa.
Laydaa
Tajaajila fayyaa hatattamaa barbaada, yoo:
- Namni umurii kamiiyyuu laydaa qabu baay’ee kan nama aarsuu fi maal-dhibdee (ka’uun kan itti imu yookiin ka’ee turuu hin danda’u), humnaa ol ol-guuruu, fi morma gogsuu yookiin kulkulfannaa cimaa agarsiisu.
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/09/Guide-wise-imgs-_0000_Fever-Child.png)
Hafuura baafachuu
Tajaajila fayyaa hatattamaa barbaada, yoo:
- Dhukkubstaan umurii kamiiyyuu rakkina hargansuu (kan funyaan cufamuun hin uumamne) ni qabaata.
- Namni dhukkubsataan hargansuu isa yeroo fayyaa caalaa saffisu yookiin sanaa gadi ta’e, yookiin hidhii, harkaa fi faana halluu samii qau qabaata.
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/09/Guide-wise-imgs-_0002_Breathing.png)
Haala waliigalaa
Tajaajila fayyaa hatattamaa barbaadaa, yoo:
- Namni umrii kamiiyyuu laydina qabaannan, baayyee aara ykn dadhaba (dammaquun ykn dammaqee turuun itti ulfaata), ammaa amma hooqqisa, fi tarii morma gogsaa ykn orbobbii qaamaa baayyee kan yoo riigdes irraa hin badne (kan dimammuu xixiqqoo fakkaachuu malu) qabaachuu mala.
- Namni dhukkubsate mallattolee gogiinsa qaamaa akka gogaa qooraa, afaan gogaa, ijoollee irratti immoo qaama isaanii irraa iddoo lallaafaa wayii, yookiin fincaan baay’ee xiqqoo qabu.
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/09/Guide-wise-imgs-_0001_General-Condition.png)
Sababoonni biroon xiyyeeffannoo fayyaa hatattamaa barbaadan:
- Yoo dhukkubsataan liqimsuu dhadhabe yookiin gorora humnaa ol yaase
- Yoo dhukkubsataan umurii kamiiyyuu boquu buuse, socho’uu dadhabe, yookiin yoo gaggabdoo qabaate.
Odeffannoon kun akka wabii qofaatti kenname. Yeroo hundumaa, beekumsaa fi murtee mataa keessanii fayyadamuun ogeessa fayyaa hakiima, yookiin gargaaraa hakiimaatti haasa’uu akka qabdan murteessuu qabdu.
Alberta keessatti yoo gorsa yoo barbaaddan yookiin maal akka gochuu qabdan isiniif hin galin Health Link 811 irratti bilbilaa.
Antibaayootikii Ittisuu
Damdamannaan Aantibaayootikii maali?
- Fayyadamni aantibaayotiksii kamiyyuu, sababa sirrii yookin badaaf ta’us, dandamatiinsa aantibaayotiksii fiduu danda’a. Ijaarsa dandamatiinsa aantibaayotikaa daangessuuf, aantibaayotikootni yeroo baayyee barbaachisoo ta’an qofa fayyadamamu qabu.
- Dandamatiinsi aantibaayotikaa mala ittisaa baakteriyaa osooma aantibaayotikiin jiruu dandamachuu fi baay’achuu isaan dandeessisuudha. Baakteeriyaan dandamatiinsa aantibaayootikaa qabu altokko tokko “Dogantaalee Gurgurddoo” jedhamu
- Yeroo baakteeriyaan dandamatiinsa aantibaayotikaa qabaatu, aantibaayootikootni kana dura hojjetan hojjechuu ni dhaabu.
- Dhukkubootni baakteriyaa dandamatiinsa aantibaayotikaa qabuun dhufan cimoo fi altokko tokko yaalun illee hin danda’amu. Kunis dhukkuba yeroo dheeraa fi du’aaf illee ni saaxila.
- Yaadadhaa, dandamatootni baakteeriyoota – ISIN MITI! Namni baayye fayyaalessi takkaa aantibaayotikii fudhatee hin beekne iyyuu baakteriyaa dandamataa antiibaayotikii ta’een madoota biroo irraa qabamuu ni danda’a.
Dhukkuboota vaayiraasii kanneen akka qorraa, infiluweenzaa, fi birookaayitii (qorra qomaa) tiif aantibaayotikiin hin fayyadan Dhukkuboota kanaaf aantibaayootikii fayyadamuun dandamatiinsa aantibaayootikaatiif saaxiluu ni danda’a.
Maal gochuu qabdu?
- Yeroo isin yookin daa’imni keessan qorra yookin qufaa qabaattan aantibaayootikii argachuuf hin eeginaa. Dhukkuboota kunneen keessaa harki caalu vaayirasidhaan dhufu, kanaaf aantibaayootikiin hin fayyadu.
- Doktoora keessan waliin dhukkubni keessan vaayirasi moo baakteriyaa irraa akka dhufan akkasumas antiibaayotikni akka barbaachisu mari’adhaa.
- Yeroo isin (yookiin daa’imni keessan) mallattoolee qorraa, qufaa, yookiin qoonqoo madaa’uu qabaattan obsa qabaadhaa. Dhibeewwan vaayirasi hedduun wayyaa’uu dura guyyoota 4–5 fi guutummaan fooyya’uuf hanga torban 3 fudhatu.
- Waqtii qorraatti yookiin utaallootti, dhukkubsachuu irraa ooluuf harka keessan irra deddeebiin dhiqadhaa. Fuula itti aanu irratti gorsa gadi fagoo akkaataa harka dhiqannaa keenya hordofaa.
Waldhaansoo DOOGANTAA DANDAMATAA CIMAA waliinii ittisaa. Antiibaayootikii haalaan fayyadamaa!
Harka dhiqachuu
Harka dhiqachuun dhukkuboota daddarboo ittisuuf fala isa hangafa.
Dhukkuboonni daddarboon 80% tuttuqqii harkaan daddarbu.
Harka keessan yoom dhiqachuu qabdu:
- Nyaachuun dura
- Nyaata qopheessuu dura, yeroo nyaata qopheessinu, erga nyaata qopheessinee booda
- Harma hoosisuun dura
- Mana fincaanii erga fayyadamnee yookiin daa’ima mana fincaanii akka fayyadamuuf erga gargaarree booda
- Daayipperii yookiin meeshaalee qulqullina dubartootaa jijjiiruu boodaa fi dura.
- Funyaan keessan yookiin daa’ima haxaa’uun booda. •
- Wantoota namootni biroon qaban qabuun booda.
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2022/09/handwashing-icon.png)
Akkaataa harka dhiqannaa:
- Saamunaa fi bishaan fayyadamaa. Bishaan qofaan dhiqachuun jarmoota dhabamsiisuu hin danda’u.
- Harka keessaan jiisaa.
- Saamunaa idilee fayyadamaa. Saamuuna farra baakteeriyaa hin fayyadaminaa.
- Harka keessaan yoo xinnaate sekoondii 20 sukkuma (yookan yeroo weedduu Twinkle, Twinkle, Little Star weeddisuudhaaf fudhatu). Caasaa harka keessaan hundumaa quba barruu, abbuudduu, quboota gidduu, karaa duubaa, gar mudhii isaa, fiixee qubaa, fi qeensa dabalate sukkuumaa.
- Harka keessan sekoondii 10’f dhiqadhaa.
- Carqii qulqulluudhaan harka keessan sirritti qoorfaadha.
Maal gochuu qabdu:
- Isiniifii daa’ima keessaan yaaluun dura hakiimonni, naarsoonni, ogeessi ilkaanii fi teeraappistootni harka isaanii dhiqachuu eegaa.
- Saamunaa salphaan kutaa dhiqannaa mana barnoota daa’ima keessanii fi bakka hojii keessanii jiraachuu mirkaneeffadhaa.
- Bakki kunuunsa daa’imanni bakka dhiqannaa harka kan ga’eessoota fi ijoolle qabaachuu isaa mirkaneeffadhaa.
- Saamunaa salphaa fayyadamaa. Saamunaa salphaan akka farra baakteeriyaatti fayyada. Saamunaan farra bacteeriyaa hedduu hin gorfamu, sababni isaa of ittisaa dhibee baacteeriyaa kakaasa; kanaaf saamunaa salphaa caalaa bu’a qabeessa miti.
- Fakkeenyaan barsiisaa.
Ibsa himamsaa:
Waraqaan kuni akka kennaa odeeffannoo waliigalaa qofatti kan dhiyaatee fi “akkuma jiruu”, “bakkuma jiru” irratti hundaa’udhaan kan kennameedha. Dhugummaa odeeffanichaa mirkaneeffachuudhaaf tattaaffiin gahaan taasifamus, Alberta Health Services bakka bu’ummaa ykn wabii, ibsa, gahuumsa, sirroominsa isaatiif, dhugummaa, guutummaa, taatummaa ykn mijaa’ummaa dhimma ykn odeeffannoo ta’ee hin kennu. Waraqaan kuni gorsa ogeessa fayyaa ulaagaa guutuu bakka hin bu’u. Alberta Health Services waraqaalee kanneen fayyadamuudhaan wal qabatee gaafannaawwan, gochoota, fedhiiwwan ykn mijina fayyadamummaa akkasiitiin wal qabatee ka’u hunda ni dhoorka.
Do Bugs Need Drugs,
Communicable Disease Control,
Alberta Health Services.
DBND@ahs.ca
www.dobugsneeddrugs.org
© 2022 Alberta Health Services,
Provincial Population & Public Health
![](https://dobugsneeddrugs.org/wp-content/uploads/2023/01/CCL.png)
Hojiin kuni akkaataa Hayyama Idil-addunyaa kan Creative Commons Attribution-Non-commercial-Share Alike 4.0 tiin kan hayyamameedha. Garagalcha hayyama kanaa ilaaludhaaf, kana ilaala https://creativecommons.org/licenses/by-nc-sa/4.0/. Dhimma daladalaatiif waan hin ta’iniin hanga Alberta Health Services dhaaf beekkumtii kennitee fi seerota hayyama biraatiin hogganamtetti, garagalfachuu, qooduu fi mijeeffachuu ni dandeessa. Ni jijjiirta, ni fooyyessita, ykn hojii kana irratti hundaa’udhaan ni ijaarta yoo ta’e, hojii kana raabsuu kan dandeessu hayyama wal simaa, wal fakkaataa, ykn guutinsa qofaan raabsuu dandeessa. Hayyamni mallattoolee daldalaa AHStiif, asxawwan ykn qabiyyee Alberta Health Services mirga abbeentaa irratti hin qabne irratti hin ta’u.